Biiroon Daldala Oromiyaa caasaa sadarkaan jiruuf leenjii Bulchiinsa Ijaarsa Bu'uuraalee Gabaa irratti kennaa jira.
(Kom.BDO Bitootessa,14/2016 Magaalaa Amboo) irratti sosochii haala waliigalaa ijaarsa bu'uuraalee gabaa ilaalchisee, Bulchiinsa kontiraata ijaarsa piroojektootaafi wixinee Qajeelfama Bulchiinsa Bu'uuraalee Gabaa irratti ogeessota ol'aanoo Biirootiin leenjiin kennamaa ooleera.
Leenjicharratti argamuun haasaa kan taasisan I/A Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Odeeffannoofi Piroomoshinii Gabaa obbo Axinaafuu Damissee akka jedhanitti dhimmi ijaarsa Bu'uuraalee misooma Gabaa xiyyeeffannoo waan barbaaduuf I/G waajjira daldalaafi ogeessonni godinaafi Aanalee leenjii kanarratti argamtan hubannoo leenjicharra argattaniin hojii qabatamaatti hiikuu qabdu jedhan.
Barreeffama haala waliigalaa ijaarsa Bu'uuraalee misooma Gabaa fi Qindoomina dhaabbata sagantaa sirna nyaataa waliin ta'uun bakka barbaachisaa ta'eefi ammayyummaa Gabaa irratti hojjechaa kan jiran ta'uu kan ibsan bakka bu'aa Daayirektera babal'ina ijaarsa Bu'uuraalee misooma Gabaa obbo Geetachoo Dheeressaati.
Gama biraatiin, Bulchiinsa kontiraataa ijaarsa piroojektootaa irratti leenjii kan kennan D/s Garee Ijaarsaafi Bulchiinsa kontiraataa obbo Yirgaalem Olqabaa akka ibsanitti ijaarsa Bu'uuraalee misooma Gabaa ijaarsa gaggeesuu qofti gahaa akka hin taane kaasuun akkaataa waliigaltee kontiraataan jalqabaa hanga xumuraatti hordoffii cimaa ta'e taasisuun misooma barbaadameef olchuun murteessaa akka ta'e barreeffama dhiyeessan irratti bal'inaan kaasaniiru.
Dhumarratti, Wixinee Qajeelfama Bulchiinsa Bu'uuraalee Gabaa hirmaattotaaf kan dhiyeessan Ogeessa hordoffii fi to'annoo piroojektootaa obbo Darajje Kafanii akka ibsanitti Qajeelfamni Bulchiinsa Bu'uuraalee Gabaa ijaaruun qofti galma akka hin taane kaasuun sirna qajeelfama bulchiinsa ittiin hogganamuufi hordofamu waan barbaachiseef wixineen kuni akka qophaa'u ta'eera jedhan.
Dabalataan wixinicha irratti mari'achuun yaadonni gabbachuu qabanis hirmaattota keessaa ka'eera. Waliigalaa gudunfaa irratti dhimmoota ijaarsaafi Bulchiinsa Bu'uuraalee ilaalchisee ijaaramu kamuu faayidaa hawwaasa giddu galeessaa godhachuu waan qabuuf xiyyeeffannoo kennuun, karooraan hogganamuun, yeroo jedhameefi qulqullina karaa eeggateen faayidaa barbaadameef qofaa ooluu akka qabu jechuun waltajjicha guduunfaniiru.