Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Daldala Oromiyaa
Akkaataa labsii Qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa murteessuuf bahe lakk. 242/2014 irratti ibsameen aangoo fi gahee hojiin Biiroo Daldalaa Oromiyaa akka armaan gadiitti ibsameera.
1. Qo’annoo fi qorannoo fedhii gabaa ni gaggeessa, bu’aa isaa hirmaattonnii fi qooda fudhattoonni gabaa akka hubatan ni taasisa; hojiirra ni oolcha,
2. Oomishaalee carraa gabaa biyya keessaa fi biyya alaa amansiisaa ta’e qoratee tarsiimoo gabaa ni qopheessa;
3. Walitti hidhamiinsi gabaa cimaa fi itti fufiinsa qabu hirmaattota gabaa sadarkaa adda addaa irra jiran oomishtoota, sassaabdota, daldaltoota jimlaa fi qinxaaboo, al-ergitoota, industiriiwwan, fayyadamtootaa fi kan kana fakkaataan gidduutti akka jiraatu ni taasisa; ni qindeessa; ni hordofa;
4. Oomishaalee industirii biyya alaatii galan kan bakka bu’uu danda’an addaan baasuun naannicha keessatti oomishamuuf carraa jiru ni qorata; hojiitti akka jijjiiramu tarsimoo ni qopheessa; walitti hidhamiinsa gabaa ni uuma;
5. Oomishaalee industrii carraa gabaa biyya alaa bal’aa fi amansiisaa ta’anii fi bu’aa qabeessa ta’an akkasumas, naannicha keessatti oomishamuu danda’an ilaalchisee carraa fi fedhii jiru qoratee addaan ni baasa; haala babal’achuu danda’u irratti ni hojjeta;
6. Gabaan oomishaalee naannichaa akka babal’atuu fi bifa itti fufiinsa qabuun fedhii fi dhiyeessiin akka walsimu ni taasisa;
7. Oomishaaleen qonnaa naannichaa gabaa biyya keessaa fi biyya alaa irratti akka beekaman taasisuu fi hojii daldalaa babal’isuuf agarsiisa daldalaa fi baazaarii ni qopheessa; qaamolee hirmaatan ni affeera; qaamolee agarsiisa daldalaa qopheessaniif hayyama ni kenna; ni to’ata;
8. Giddugalli agarsiisa daldalaa, baazaarii fi konfireensii qoratee akka hundeeffamu yaada ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu qaamoota dhimmi ilaalu waliin ni hundeessa; ni bulcha;
9. Bitattoota biyya keessaa fi biyya alaa oomisha bituu danda’an addaan ni baasa; ni qindeessa; walitti hidhamiinsa gabaa ni uuma;
10. Ijaarsa qaamoolee birootiif seeraan hin kennamne iddoowwan gabaa oomisha sadarkaa jalqabaa, lammaffaa fi sadaaffaa aanniicha keessatti bakka barbaachisu hundatti ni hundeessa; sirna ittiin bulmaataa ni diriirsa; qaama abbummaan bulchutti ni dabarsa; raawwii isaa ni hordofa; giddugalawwan gabaa hammayyaa adda addaa akka hundeeffaman ni jajjabeessa;
11. Wiirtuulee sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa ni hundeessa; sirna sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa hammayyaa’aa ni diriirsa; dandeettii itti fayyadama teknolojiifi humna namaatiin ni cimsa; odeeffannoo gabaa yeroo fi qulqullinaan qaama dhimmi ilaalu irraa ni sassaaba; ni qindeessa; ni xiinxala; ni tamsaasa;
12. Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa oomishni qonnaa fi Interpiraayizootni Maayikiroo Xixiqqaa qaban qaama dhimmi ilaalu waliin ni qorata; yaada furmaataa ni dhiyeessa; carraa gabaa amansiisaa akka argtan deeggarsa ogummaa ni kenna;
13. Sirna gabaa oomishaalee qonnaa tarsimo’aa ta’an ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata;
14. Gochaa fi hojimaata tasgabbii sirna gabaa jeeqan madda isaanii waliin yeroo yeroon qorachuun tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
15. Hirmaattotaa fi qooda fudhattoota gabaa naannichaa haala gabaa addunyaa yeroo yeroon jijjiiramu irratti dandeettiin hirmaannaa isaanii akka cimu gochuuf leenjii fi hubannoo barbaachisu ni kenna;
16. Jijjiirama gabaa gatii oomishaalee waliin walqabatee uumamu ni qorata; yaada furmaata waliin qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
17. Oomishaalee naannichaa al-ergii sirni diriireef ni qindeessa; hayyama dabarsa daandii ni kenna; ni hordofa; ni to’ata; tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata; tarkaanfii seeraa akka fudhatamu ni taasisa; qonnaan bulaan yookiin horsiisee bulaan oomisha isaa gara gabaatti geeffatu xalayaa deeggarsaa dabarsa daandii qaama dhimmi ilaaluun kenname qabaachuu ni to’ata;
18. Oomishaalee qonnaa fi industirii seeraan ala akka hin sochoone kellaawwan akka hundaa’an qaama dhimmi ilaallatuuf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu ni gurmeessa; ni bulcha; ni hordofa; ni to’ata; tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata; tarkaanfiin seeraas akka fudhatamu ni taasisa;
19. Oomishaalee qonnaa fi industirii sadarkaalee dirqisiisoo Itoophiyaa qaban ni hordofa; ni to’ata;
20. Walitti dhufeenyi gabaa magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru akka cimu deeggarsa barbaachisu ni kenna;
21. Akkaataa barbaachisummaa isaatti interpiraayizoota misoomaa gabaa oomisha qonnaa irratti bobba’an niqorata; akka hundaa’aniif yaada murtoo mootummaaf ni dhiyeessa;ni to’ata.
22. Sadarkaa gahumsa ogummaa bahe irratti hundaa’uudhaan daldaltoota dhuunfaa fi dhaabbilee hojii daldala Bunaa, Shaayii, Urgooftuu fi Mi’eessituu irratti bobba’aniif hayyama mirkaneessa gahumsa hojii daldalaa ni kenna; ni deeggara;
23. Hojii daldalaa qaamolee mootummaa birootiif seeraan hin kennamiin bu’uura imaammattootaa fi tarsimoowwan daldalaa mootummaan baase hojiirra akka oolan ni taasisa; adeemsa isaa ni qindeessa; ni gaggeessa;
24. Seerootni hojii daldalaa to’achuuf bahan hojiirra ooluu isaanii ni mirkaneessa; daldaltoota dhuunfaa fi dhaabbilee daldalaa adda addaa irratti to’annoo ni gaggeessa; hojiin daldala seeraan alaa akka hin raawwatamne ni ittisa; tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata; tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni taasisa;
25. Meeshaalee daldalaa, yeroo
itti fayyadama isaa fi
sirrummaa madaallii fi safartuu meeshaalee
daldalaa akkasumas, raabsa meeshaalee bu’uuraa beeksifni uummataa irratti bahe gatiifi facaatii
isaanii ni to’ata;
26. Daldala dhuunfaa, dhaabbataa fi waldaalee hojii daldalaa irratti bobba’uu barbaadaniif hayyama hojii daldalaa ni kenna; ni haaromsa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa;
27. Investeroota naannicha keessattii hojii investimentii irratti bobba’aniif tajaajila galmeessaa fi hayyama hojii daldalaa ni kenna; ni haaromsa; ni dhorka; ni haqa; qaama dhimmi ilaallatuuf ragaa ni dabarsa;
28. Dubartootnii fi dargaggootni hojii daldalaa irratti waldaadhaan akka gurmaa’an ni jajjabeessa; gorsaa fi deeggarsa teknikaa ni kenna;
29. Qunnamtiin daldalaa naannoolee biroo waliin taasifamu haala waldeeggaraa ta’een akka babal’atuu fi cimu haala ni mijeessa;
30. Galmee daldala naannichaa ni hundeessa; ni bulcha; akkasumas maqaa daldalaa qulqulleessuun ni galmeessa; waraqaan ragaa akka kennamu, akka fooyya’u, bakka bu’een maqaa daldalaa akka kennamu, akka dhorkamuu fi haqamuuf haala ni mijeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata;
31. Ragaaleen galmeessaa fi hayyama daldalaa teknoloojii ammayyaatiin deeggeramee kuus-daataattii akka kuufamuufi bifa qindaa’een tajaajilaaf akka oolu ni taasisa; raawwii isaas ni hordofa;
32. Waldaa daldala Aksiyoonaa qaama ijaaruu barbaadan bu’uura seera daldala Itoophiyaa fi Labsii galmeessaa fi hayyama daldalaatiin akka gurmaa’aniif tajaajila gorsaa ni kenna;
33. Sochii hojiilee daldala kubbaaniyootaa fi dhaabbilee daldala biroo akkasumas, waldaalee seekteraa ni hordofa; ni deeggara; ragaa hojii isaanii akka dhiyeessan ni taasisa; hojicha ni hooggana; ni hordofa; ni to’ata;
34. Misooma hojii daldalaa fi gabaa ilaalchisee qorannoowwan ni gaggeessa; odeeffannoowwan walitti ni qaba; ni xiinxala; ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni tamsaasa;
35. Tajaajila gorsaa fi ragaa kennuuf kan dandeessiisan ragaalee qorannoo qindeessuu fi xiinxaluun tajaajila galmeessa daldalaa fi hayyamaa kennuu irratti haala mijataa ni uuma;
36. Hoj-maata daldalaa booddeetti hafaa ta’an ammayyeessuuf gargaaran irratti qorannoo ni gaggeessa; bu’aalee qorannoo irratti hundaa’uudhaan yaada furmaataa ni dhiyeessa; yaada imaammataa ni burqisiisa;
37. Paakeejii hojii daldala ammayyeesuu fi babal’isuu danda’u adda ni baasa; kanneen sirrii ta’an irratti maanuwaaloota leenjii ni qopheessa; dorgommiin daldalaa akka cimu ni taasisa; hojiilee barnoota hubannoo hawaasa bal’aa fi daldalaa babal’isan ni kenna;
38. Dhaddachi mirga fayyadamtootaa ilaalu haala itti gurmaa’uu danda’u irrattii Mana Murtii idilee keessatti akka hundeeffamu yaada mootummaaf ni dhiyeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
39. Waliigaltee firaanchaayizii fi firaanchaayizerii naannoo keenya keessatti gaggeeffamu bu’uura ulaagaa taa’uun raawwatamuu isaa ni mirkaneessa; ni galmeessa;
40. Daldala daangaa fi Firaankoo Vaalutaa naannoo keenya keessatti gaggeeffamu bu’uura seeraa rogummaa qabuun gaggeeffamu isaa ni to’ata; tarkaanfiin barbaachisu qaama dhimmi ilaaluun akka fudhatamu ni taasisa;
41. Seeroota daldalaa fi gabaa akka biyyaattis ta’ee akka naannootti bahanii hojiirra jiran irratti qorannoo ni gaggeessa; raawwii keessatti qaawwa mul’atan adda baasuun qaama dhimmi ilaaluuf yaada furmaataa waliin ni dhiyeessa;
42. Manni maree daldalaa fi waldaaleen seektaraa haaraan akka hundeeffaman ni taasisa; seektarootaaf deeggarsa ogummaa fi teknikaa ni kenna; kanneen ijaaramanii jiran ni jajjabeessa;
43. Galmee dhaabbilee daldalaa wabiin qabaman ni qindeessa; ni to’ata; ni eegaa; ni bulcha;
44. Sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan imaammata, tarsiimoo fi seeroota misooma daldalaa ilaallatan qaamoolee dhimmi ilaalu hunda biratti hubannoon akka uumamu ni taasisa;
45. Daldalli ammayyaa’ee fi sadarkaa isaa eeggate akka babal’atuu fi hoggansi hojii daldalaa akka cimu hawaasa daldalaaf deeggarsa ogummaa fi teknikaa ni kenna;
46. Galmeessi kiraa meeshaalee kaappitaalaa fi waliigalteewwan akka raawwatamu, seertefikeetiin abbummaa akka kennamu, fooyya’u, haqamuu fi ragaaleen akka gurma’aaniif ni qindeessa;
47. Mirga fayyadamtootaa akkaataa seeraatiin ni kabachiisa; akka kabajamu ni taasisa; waldaaleen fayyadamtootaa akka gurmaa’an ni jajjabeessa; ni hordofa; ni deeggara.