Damee Ooppireeshinii Daldalaa

Dameen Oppireeshiinii daldalaa dameewwan arfan Biiroo Daldalaa Oromiyaa keessaa isa tokko yommuu ta’u, dhimmoota rifoormii daldalaa irratti xiyyeffannaan damee hojjetudha.
Rifoormii kana lafa qabsiisuuf kenna tajaajila galmeessaa fi hayyamaa teknoloojiin deggarame kennuu, hojii leenjii ammayyummaa daldalaa fi qorannoon hojiiwwan ijoo damee kanaati.
Dameen Oppireeshinii daayreektooretii lamaan (Daayrektoreetii Galmeessaa fi Hayyama Hojii Daldalaa fi Daayrektoreetii Qorannoo fi Ijaarsa Dandeettii Dhimmoota Daldalaa fi Gabaa) of jalaa qaba.