+1251 11 369 0760
Logo new
GGG3
GGG2
5769146247360397802_121
gab-scaled
image22_1
Oil-best-scaled
photo_2023-04-07_10-28-06
photo_2023-06-15_20-04-08-Copy
photo_2023-09-02_13-12-41
photo_2023-09-02_13-12-43-1
photo_2023-09-02_14-45-04-1
photo_2023-09-02_21-06-38-3
photo_2024-01-12_16-16-20
photo_2024-02-23_14-27-10
photo_2024-02-23_14-27-10-2
photo_2024-02-29_14-16-14
photo_2024-04-08_14-03-00
photo_2024-04-08_14-10-58
photo_2024-04-08_14-11-19
shel12
Slide-best2-scaled
previous arrow
next arrow
Hanqinni dhiyeessii Oomishaalee tibba Ayyaana Qillee fi cuuphaa akka hin mudanneef hojjetamaa Jira.

Biiroon Daldala Oromiyaa Ayyaana Qillee fi Cuuphaa fuul-dura keenya kabajamu sababeeffachuun gatiin Oomishaa akka hin daballee fi hanqinni dhiyeessii Oomishaalee qonnaa fi industirii akka hin Uumamne xiyyeeffannoon addaa itti kennamee Qooda fudhattoota sadarkaan jiran waliin qindoomun hojjatamaa akka jiru I/ A/hogganaa Biiroo fi I/G/Damee reeguulatorii fi Inispeekshinii Obbo Tasfaayee Gashoo ibsaniiru.

Ayyaana sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin uumamneefi gabaa keessatti daballii gatii hin mallee akka hin taasifamne hojjetamaa jiraachuu ibsuun ayyaana qillee fi cuuphaaf Godinaalee, Magaalota Oromiyaa hunda keessatti Midhaan gosa gara garaa, meeshaalee bu’uuraa Zayitii , Kuduraafi Muduraa, bu’aawwan induustiriifi beeyladaa akkasumas bu’aawwan beeyladaa dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen kaasaniiru.

Bu’uuruma kanaan, waliigala Midhaan gosa adda addaa kuntaala 124,473 Lukkuu Miliyoona Sagali oliifi Buuphaa/Killee Miliyoona Soddoma ol kan dhiyaatu ta’u ibsaniiru.

Dabalataan Beeyledoota Qalmaaf tahan keessaa Loon 500, 000 ol, Hoolota 277,632, Re'oota 336,149 waliigala 1,113,781 akkasumas; Fiichiisistoota marisisun Zayitaa liitira miliyoona 10 Ol Daakuu Qamadii kuntaala 72,050,Damma toonii 1,852 dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himuun, Kuduraafi muduraa gosa garaa garaa waliigala Toonii 460,968 ol dhiyeessuuf hojatamaa jira. dabalataan Magaalaa Finfinneef iddo 3 tti dhiyeessuuf Ejensii Baballina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Meeshaaleen dhiyaatan kunis iddoo gabaa Idilee dabalate gabaa Sanbataa magaaloota keessatti Hunda’an 442ti kan dhiyaatu ta’uu kan dubbatan Obbo Tasfaayeen.

Uummanni keenyas carraa kanatti fayyadamuun meeshaalee barbaadan akka bitachuu danda'n fi birrii Sobaa irra akka off eegatu akkasumaas daldaltoota daballii gatii hin mallee taasiisan irratti Eeruu kennun caasaan keenyaas al-seerummaa fi darbaa seeraa raawwatamu dura dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.

 Kom.BDO Muddee 18/2017)