+1251 11 369 0760
Logo new
GGG3
GGG2
5769146247360397802_121
gab-scaled
image22_1
Oil-best-scaled
photo_2023-04-07_10-28-06
photo_2023-06-15_20-04-08-Copy
photo_2023-09-02_13-12-41
photo_2023-09-02_13-12-43-1
photo_2023-09-02_14-45-04-1
photo_2023-09-02_21-06-38-3
photo_2024-01-12_16-16-20
photo_2024-02-23_14-27-10
photo_2024-02-23_14-27-10-2
photo_2024-02-29_14-16-14
photo_2024-04-08_14-03-00
photo_2024-04-08_14-10-58
photo_2024-04-08_14-11-19
shel12
Slide-best2-scaled
previous arrow
next arrow
Ergaa baga geessanii Hoggantuu Biiroo Daldala Oromiyaa Kabajamoo Adde Masarat Asaffaa dabarsan.

Mudde 28 ,2017

Hordoftoota amantaa Kiristaana hundaaf , baga guyyaa yaadannoo dhaloota Kiristoosiin nagaan geesan jechaa, Ayyaanichi kan jaalalaa, araaraafi dhiifamaa akka ta'u hawwii qabuu ibsaa; Mootummaan keenyaa yeroo kamuu caalaa misooma Daldalaaf xiyyeeffannoo kennuun sirna Daldalaa fi Gabaa ammayyaawaa, haqa qabeessa, dorgomaa fi dhaqqabamaa lafa qabsiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf teeknoolojiin deegaramuun kutannoo ol'aanaan hojjechaa jira .

Keessumaa, bara kana Daldalaa Seeraan alaa to’achun Seeraa qabeesumma Daldalaa iddoo hundattii akka mirkanaa’u taasisuuf hojiin guddaan hojjetama turee jira . Gama biraatin Al -ergii keenya guddisuuf Oomiisha Naannoo keenya qulquliinaa fi bayyinaan gara biyya alaatti erguu akka danda'amu rakkoole gama kanaan mull'atan furuun qiindomiina caasaa Sadarkaan jiran waliin hojii hojatama ture bu'aa gaarii galmeessinee jirra . Hanqinaaleen dhiyeessii gabaa irratti akka hin uumamneef walitti hidhaminsa gabaa oomishtootaafi fayadamtoota gidduutti uumuuf oomishtoota sadarkaa hundatti mariisisuun gabaa idileefi gabaa sanbata irratti oomishni bal'inaan akka dhiyaatu hojjetamaa jiraachu ibsaniru. Daldaltoonni naannoo keenyaas daballii gatii hin malle tibba ayyaanaa mudatu irraa of qusachuun hojii idilee isaanii karaa iftoomina, itti gaafatamummaa fi quuqama qabuun akka daldalan dhaamsa qaban dabarsuun , ayyaannii kun kan nagaa, badhaadhinaafi tokkummaa akka ta'u irra deebiin hawwii qaban ibsaniru.

Mandara Hunda Kessatti Seera Qabeesummaa Daldala Ni Mirkanessina.!

Biiroo Daldala Oromiyaa

Ayyaana Gaarii!