Daldalli seeraan alaa sirna daldalaa jeequudhaan diinagdee biyyaa haalaan kan miidhu waan ta’eef hubannoo hawaasaa gabbisuudhaan walta’insaan irratti qabsaa’uu qabna.
Gochaawwan daldala seeraan alaa keessaa eeyyama daldalaa malee daldaluu, oomisha hangaa fi iddoo hayyamamee alatti sochoosuu, oomisha kuusuudhaan hanqinni akka uumamu gochuu, sababa quubsaa hin taaneen gatii oomishaalee dabaluun gurguruu fi kanneen kana fakkaatanidha.
Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Itoophiyaa Yaa’ii biyyaalessaa 3ffaa har’a qopheesserratti argamuudhaan dhimma kanarratti ergaa dabarseera.
Biyya tokko keessatti daldala fayyaalessa uumuun yoo danda’ame gaaffii guddinaa lammilee sirnaan deebisuun ni danda’ama. Daldala seeraan alaa to’achuu baannaan garuu diinagdeen biyyaa daran miidhama. Daldalli seeraan alaa fi kontiroobaandiin sirna daldala seera qabeessaa jeequudhaan miidhaa guddaa biyyarraan gaha.
Mootummaanis kana hubachuudhaan hojii rakkoo kana furuudhaaf hojjeteen bu’aan argamaa jira. Bara bajataa 2016 meeshaalee kontiroobaandii fi daldala seeraan alaatiin galuuf socho’aa turee fi birrii biiliyoona 11tti tilmaamamu to’annoo jala oolchuun danda’ameera. Meeshaalee kontiroobaandii fi maallaqa karaa seeraan alaatiin bahuuf ture birrii biiliyoona 4.5 ta’us to’atameera. Walumaagalatti meeshaalee karaa kontoroobaandii bahuu fi seenuuf turan birrii biiliyoona 15.5tti tilmaamamu to’achuudhaan miidhaa diinagdee biyyaarra gahuu danda’u baraarreerra.
Dameen daldala dhuunfaa gochawwan seeraan alaarraa of qusachuun hojii mootummaan seera kabachiisuuf hojjetu si’oomsuudhaaf deeggaruun irraa eegama. Dhaabbilee idil-addunyaa fi biyyoota ollaa waliin walta’insaan hojjechuudhaan sirna daldalaa hammayyeessuu fi cimsuunis murteessaadha. Daldalli seeraan alaa fi kontirobaandiin hamman biyya miidhuu akka danda’u itti fufiinsaan agarsiisuudhaan humna hawaasa hundaatiin rakkoo kana irra aanuu qabda. Mootummaan gochaawwan faayidaa biyyaa miidhan hojmaataa fi imaammataan furaa jira. Kanaaf ammoo fooyya’insa sharafa alaarratti bu’uureffatee sirni daldalaa akka hin jeeqamne hojii hojjetameen bu’aa argame eeruun ni danda’ama. Daldaltoonni hojii biyyaaf faayidaa qabu kanaaf gumaachan akkuma jiran kanneen biyya miidhaanii ofiif fayyadamuudhaaf carraaqanis waan jiraniif isaan waliin taanee irratti akka qabsoofnu waamichaa koon dhiyeessa.