+1251 11 369 0760
Logo new
GGG3
GGG2
5769146247360397802_121
gab-scaled
image22_1
Oil-best-scaled
photo_2023-04-07_10-28-06
photo_2023-06-15_20-04-08-Copy
photo_2023-09-02_13-12-41
photo_2023-09-02_13-12-43-1
photo_2023-09-02_14-45-04-1
photo_2023-09-02_21-06-38-3
photo_2024-01-12_16-16-20
photo_2024-02-23_14-27-10
photo_2024-02-23_14-27-10-2
photo_2024-02-29_14-16-14
photo_2024-04-08_14-03-00
photo_2024-04-08_14-10-58
photo_2024-04-08_14-11-19
shel12
Slide-best2-scaled
previous arrow
next arrow
Gamaggama suupperviizyinii
Biiroon Daldalaa Oromiyaa gabaasa suupperviizyinii baatii saglan darbanii godinaalee fi magaalootaa gamaggame.
Gareewwaan ja'a gara godinaalee fi magaalotaa bobbaa'anii guyyoota 20 f ture, hojiwwaan baatii 9 darbanii qorachuun hanqinaalee, rakkoo fi kallattii hojii kennuun geggeessaa ture har'a bakka hoggansi ol'aanaan mana hojii, manaajimantii biiroo fi dursitoota garee argamanitti qorachuun bu'aa gaariin argamuu fi hojichi itti fufiinsaan kan hojjetamu ta'uun himameera.

Kallattii hoggansi kenneen Gareewwaan hundii gabaasa hojii dirree akka dhiyeessan erga taasisanii booda bu'aan gaariin raawwii mana hojichaa kan fooyyesse ta'uu hoggantuun BDO Aadde Masarat kaasuun cimina mul'atan cimee itti fufuu akka qabuu fi hanqinaalee mul'ataniifi harcaatii hojii furuun raawwii caalmaa galmeessuuf hojjetamuu akka qaban dhaamaniiru.

Ogeessonnii fi geggeessitootni suppervishiniif bobba'an rakkowwaan daldala seeraan alaa, kenna tajaajilaa irratti rincici jiraachuu fi oomishaalee al-ergii duguuganii gabaa gidduu galeessaaf dhiyeessuu dhabuu akka rakkoo ijootti kaasaniiru.
Baatii lamaan hafe keessatti hojiile harca'an irratti ciminaan hojjechuun raawwii fooyyee galmeessuuf hojjetamuu akka qabu kallattii kaa'aniiruu.