+1251 11 369 0760
Logo new
GGG3
GGG2
5769146247360397802_121
gab-scaled
image22_1
Oil-best-scaled
photo_2023-04-07_10-28-06
photo_2023-06-15_20-04-08-Copy
photo_2023-09-02_13-12-41
photo_2023-09-02_13-12-43-1
photo_2023-09-02_14-45-04-1
photo_2023-09-02_21-06-38-3
photo_2024-01-12_16-16-20
photo_2024-02-23_14-27-10
photo_2024-02-23_14-27-10-2
photo_2024-02-29_14-16-14
photo_2024-04-08_14-03-00
photo_2024-04-08_14-10-58
photo_2024-04-08_14-11-19
shel12
Slide-best2-scaled
previous arrow
next arrow

Damee Misooma Gabaa

gab-scaled
frame
image22_1

Damee kanaan, gabaa oomisha qonnaa naannoo keenyaa sirnaa fi seera gabaa biyyaa fi naannoo  hordofee akka geggeeffamuuf seerota, labsiiwwan, qajeelfamoota, danbiiwwaanii, maanuwaalotaa fi karoora akka naannoo fi biyyoolessaatti jiru hordofee akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo fi kutannoon hojjetamaa jira.

Naannoon keenya oomisha qonnaa gabaa biyya keessaa fi gabaa biyya alaaf oolan Bunaa, mi’eessituu, midhaan dheedhii, agadaa, dibataa, kuduraa fi muduraa, beeyladaa fi bu’aa beeyladaa biyyattiin oomishtu adda durummaan maddisiisuu fi gabaaf dhiyeessuun qooda ol’aanaa kan taphattuu fi hojiirra oolmaa isaafis hedduu naannoo gumaachinu ta’uu isheen karoora hiixataa dinagdee naannoo keenyaa fi biyyattii utuban bal’inaa fi qulqullinaan karoorsuun gara hojii qabatamaatti jijjiiruun hundeerraa jijjiiramni guddina dinagdee abdachiisaan akka dhufu karoora Imala Badhaadhinaa Waggaa kudhanii keessatti raawwiin waggoota sadan kana galmaa’e agarsiistuu gaariidha.

Keessattuu, oomishaalee qonnaaf sirna walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa diriirsuun bitataa fi gurgurataan haala gabaa mijataa, si’ataa, dhaqqabamaa fi haqa qabeessa ta’een osoo hanqinnii dhiyeessii hin mudatinii fi gatii bittaa faayidaa bitataa miidhu akka hin uumamneef bakka oomisha gahaan jiruu bakka hanqinni dhiyeessii jirutti dhiyaatee akka gurguramu taasisuun, rakkoo hawaasa bitataa irra gahu malu akka hanbisu taasiisuun alatti, rakkoolee akka qaala’iinsa jireenyaa furuuf kaayyoo mootummaan qabatee hojjechaa ture keessatti milkaa’ina guddaa gumaachuu danda’eera.

Kana malees, oomishaalee al-ergii sharafa biyya alaa argamsiisuun dinagdee biyyaa bayyaannachiisaan oomishaalee akka Buna, Shaayee, Mi’eessituu, Boloqqee, Saalixa, Kuduraa fi Muduraa, Jimaa fi Beeyladaa fi bu’aa beeyladaa akaakuu, baay’naa fi qulqul’ina barbaadamuun akka oomishanii fi gabaaf dhiyaataan taasisuun alatti, hojicha kan hawaasa maraa taasisuuf akka inisheetivitti qabatanii socho’uun  milkaa’ina raawwii gama kanaan mul’ateef galtee guddaadha.

Kanarra darbees, walitti hidhamiinsa gabaa baadiyaafi magaalaa gidduu jiruuf sirnaa fi hoj-maata  diriirsuun darbiinsa oomishaalee qonnaa karaa dantaa oomishtootaa, fayyadamtootaa, daldaltootaa fi al-ergitootaa hin miineen fi wal-dubbisuu danda’uun fayyadamummaa fi hirmaannaa lammiilee maraa mirkaneessuun hojjechuun, bu’aan gama kanaan argamaa jiru calaqqee milkii hojii kanaati jedhanii fudhachuuf kan nama mamsiisu miti.

Kan biroon, hojiin misooma gabaa sirnaa fi seeraan deggaramee faayidaa hawaasaa fi mootummaaf argamsiisuu malu hunda akka maddisiisuu danda’utti labsii fi dambiwwaan garagaraa qopheessuun haguuggii fi tika  seeraa akka qabaatan taasisuuf biiroon ifaajjii guddaa taasisaa jira.

Kanaanis, oomishaalee qonnaa akka feeteen akka bitamee hin gurguramnee taasisuu fi karaa baratameen raawwatamaa ture haala addunyaa fi biyyoolessaa karaa bu’uura godhateen fi oomishaalee maddisiisnu kanaan oomishtootni, fayyadamtoonnii fi mootummaan fayyadamaa ta’uu danda’uun  akka  raawwatamuuf hojjetamaa jira.