
Dameen kun hojiiwwan ijoo to’annoo daldala seeraan alaa fi eegumsa mirga fayyadamtootaa fi dorgommii daldalaa irratti hojjeta. Damichi Daayrektoreetiiwwan lama (Inispeekshinii fi Reegulaatoorii fi Daayrektoreetii Eegumsa Mirga Fayyadamtootaa fi Dorgommii Daldalaa) of jalaa qaba.
Daayrektoreetiin inispeekshinii fi regulaatoorii daldalaa hojiiwwan to’annoo fi hordoffii daldala seeraan alaa fi kontirobaandii akkasumas, keellaawwan to’annoon irratti gaggeeffamu hundeessuu fi bulchuu akka raawwatamuu fi sirni to’annoo fi seera qabsiisa daldalaa iftoomina qabuu fi hawaasa hunda fayyadamaa taasisuu naannicha keessatti akka dagaagu gochuudhaan hojiin daldalaa haqa qabeessaa fi ammayyaa’aa taasisuuf hojjetudha.
Akkasumas, sakkatta’insa Safartuu, Madaallii fi buufataalee boba’aa, Oomishaalee Industirii fi Sadarkaa dirqisiisoo qaban to’achuu fi hojiirra oolmaa labsiiwwanii fi qajeelfamoota sirna daldalaa bahan hordofuun seera qabeessummaa mirkaneessuu irratti hojjeta.