Hundeeffama Biiroo

Daldalli addunyaa durii irraa eegalee wiirtuu dinagdee fi qaroomina addunyaa kanaa ta’ee tajaajiluu irra darbee hariiroo addunyaa sirnaan cimsee kan ijaaree fi utubee har’aan gahe keessaa seektera angafaati. Daldalli fuuncaa michoomaa jabaa; utubduusirnaa fi wiirtuu dinagdee biyyootaa ta’ee tajaajilaa turera.
Biyyi keenyas addunyaa durii irraa eegaltee daldala keessatti si’ominaan hirmaachaa turte. seenaan daldalaa seenaa hundeeffama biyyattiif dhimmoota bu’uura buusan keessaa isa bu’uuraati. Biyya keenya keessatti Sirnoota durii irraa eegalee daldalli akka seektara dinagdeetti ciminaan irratti hojjetamaa tureera.
Guddinnii daldalaa biyya keenyaa kan addunyaa faana tarkaanfachuu baatus waggoottaan muraasaa as xiyyeeffannoon itti kennamee oomishaalee (meeshaalee) daldala keessaaf alaa wal simsiisuu danda’an cimsuu( trade balance) oomishaalee oomisha alaa galan bakka bu’an (import substitute goods) oomishuun sirna daldalaa ammayyaa diriirsuu fi takinooloojii hojichaaf tumsan madaqsuun hojii boonsaan hojjetamaa jira. ...
Biiroon Daldalaa Oromiyaas erga naannichi hundaa’ee seekteroota jalqaba hundeeffaman keessaa tokko yoo ta’u, caaseffama mootummaan yeroo garagaraatti fooyya’insa taasisuun moggaasni maqaa isaa yeroo yerootti jijjiiramaa kan as gahe ta’uus ergama, mul’ata, kaayyoo fi gahee hojii dhimmoota daldalaa naannichaa mijeessuu, ammayyeessuu fi haqa qabeessa taasisuu irratti bu’uuraffechuun bara 1988 yeroo heera biyyattiin naannoleen hundaa’anii mootummaan naannoo Oromiyaa ifatti hundaa’ee caaseffamni mana hojii seekteraan hundaa’ee eegalee hojiwwaan misooma daldalaa, industirii fi gabaa angafummaan raawwachiisaa dhufee jira.
Labsii caasaa mootummaa naannoo keenyaa hundeessuuf bahe bara 1988 labsii lakk. 7/1988 Biiroo Daldalaa fi Induustirii, lansii lakk. 50/1994 tiin bara 1994 tin Biiroo Daldalaa fi Geejibaa jedhamee hojiwwaan daldalaa fi Geejibaa naannichaa abbummaan hoogganaa kan ture yoo ta’u, labsii caasaa mootummaa naannichaa irra deeni’enii fooyyessuu bara 1997 tiin Biiroo Daldalaa, Induustirii fi Misooma Magaalaa ta’uun aangoo fi gahee hojii isaaf kenname raawwachiisaa tureera. Bara 1998 immoo Biiroo Daldalaa, Induustirii fi Geejibaa jedhamee fooyya’eera.
Bifuma wal fakkaatuun, bara 2003 Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa jedhamee hojiwwaan daldalaa fi misooma gabaa ol’aantummaan hoogganaa osoo jiruu caaseffama mootummaa irra deebiin gurmeessuu bara 2011 Biiroo Daldalaa fi Ejensii Misooma Gabaa jedhamuun bakka lamatti erga adda bahanii waggaa 3 booda bara 2014tti caaseffama haaraa mootummaan naannoo keenyaa taasisuun seekteroota lamaan bakka tokkotti deebisuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa moggaasa jedhuun hojjechuu irratti argama.
Biirichi yeroo garagaratti fooyya’iinsa caasaa mootummaan taasisuun maqaan isaa haa jijijjiiramu malee hojiwwaan daldalaa fi misooma gabaa abbummaan hoogganuun hojiwwaan milkaa’oo har’a naannicha keessatti mul’atan seektera bu’uuresseedha.
Daldalatoota lakkoofsaan muraasa ta’an bara ce’uumsa kaasanii turan irratti hojjechuun har’a daldaltoota kuma 700 ol horachuun guddina dinagdee biyyaaf wiirtuu ta’uu isaa adda durummaan gumaachaa jira.
Sirna daldalaa fi gabaa ammayyaa’aa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa tajaajila qulqulluu, saffisaa qabuu fi loogummaa irraa biliisa ta’een dabaalame kennuun itti quufiinsa hawaasaa mirkaneessaa fayyadamummaa fi hirmaannaa uummata naannichaa gabbisaa deemuun hojiin daldalaa akka babal’atuu fi dagaagu taasisaa jira.
Sirna gabaa biliisa akka dhugoomuu kutannoo fi xiyyeeffannoo irratti hojjechuu irratti argama. Sirna daldalaa teknoloojiin deggeramee daldalaa fi gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta’e fi bu’a qabeessummaa daldaltootaa, faayidaa lammilee fi bu’aqabeessummaa fi dorgomummaa biyyaa cimsan ijaaruun addunyaa irratti dorgomaa ta’uuf ijibbaata biyyi taasisaa jirtu keessatti naannoon keenya gooda adda duree gumaachaa jirti.
Ergama, mul’ata fi kaayyoo hundeeffama isaa milkeessuuf biirichi hojiwwaan gurguddoo fi tarsiimawaa karoorsee irratti hojjechaa jira.
Sirna daldalaa ammayyaa’aa, haqaqabeessaa fi dhaqabamaa addunyaa ammaa faana dorgomu diriirsuuf teknoloojiwwaan hojii daldalaa saffisiisaanii fi sadarkaa qulqullinaa fi dhaqqababummaa tajaajilaa guddisan madaqsuun hojiirra oolchaa jira.
Rakkoo addunyaawaa ta’e qaala’insa jireenyaa mudate biyyaa fi naannoo keenyatti gaagama’ama akka hin gaassifneef to’achuuf hojiin boonsaan hojjetamaa jira. Keessattuu qaala’iinsa gatii nam tolchee qolachuuf tarkaanfii akka mootummaatti fudhatamuu qabu kutannoo fi xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa tureera. Gabaa sanbataa hundeessuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi to’annoo daldalaa cimsuun rakkicha salphisuun danda’ameera.
Hojiwwaan tarkaanfii haaraa ( Inisheetivoota) akka biiroo keenyaatti qabaman karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuun karoora imala badhaadhinaa galma barbaadamu biraan gahuuf carraaqqiin jiru laayyoo miti.
Raawwiin hojii gama kanaan galmaa’uu eegalanis abdii kan nama keessatti uumaniidha.
Giddugaloonni gabaa ammayyaa’uu sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa jiran gabaa keenya hammayyeessuu irra darbee fayyadamummaa fi hirmaannaa qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi oomishtootaa mirkaneessuu keessatti shoora guddaa gumaachaa jira.
Oomishaalee qonnaa naannoo keenyaaf mallattoo daldalaa tolchuun beekamtii horachuun gabaa biyya keessaaf alaa irratti gurra argatanii dorgomoo akka ta’aniif sochiin eegalamee jiru salphaa miti. Oomishaalee Al ergii naannoo keenya keessaa oomishaman baay’inaafi qulqullinaan dabaluun sharafa alaa maddisiisuun dinagdee biyyaa utubuun alatti daldala madalaawaa al-ergii fi fichiisiisa wal-simaa taasisuu keessatti tumsa guddaa qaba.
Haqaqabeessummaa daldalaa fi dorgommii daldalaa cimsuun daldala seeraan alaa xiqqeessuuf hojjetamaa jira..
Daldalli meeshaa guddaa siyaas-dinagdee biyyaa cimsuu fi sadarkaa guddina biyyootaa murteessuudha.