Gabaa Sanbataa
Gabaa oomisha qonnaa naannoo keenyaa sirnaa fi seera gabaa biyyaa fi naannoo hordofee akka geggeeffamuuf seerota, labsiiwwan, qajeelfamoota, danbiiwwaanii, maanuwaalotaa fi karoora akka naannoo fi biyyoolessaatti jiru hordofee akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo fi kutannoon hojjetamaa jira.
Oomishaalee qonnaaf sirna walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa diriirsuun bitataa fi gurgurataan haala gabaa mijataa, si’ataa, dhaqqabamaa fi haqa qabeessa ta’een osoo hanqinnii dhiyeessii hin mudatinii fi gatii bittaa faayidaa bitataa miidhu akka hin uumamneef bakka oomisha gahaan jiruu bakka hanqinni dhiyeessii jirutti dhiyaatee akka gurguramu taasisuun, rakkoo hawaasa bitataa irra gahu malu akka hanbisu taasiisuun alatti, rakkoolee akka qaala’iinsa jireenyaa furuuf kaayyoo mootummaan qabatee hojjechaa ture keessatti milkaa’ina guddaa gumaachuu danda’eera.
Kana malees, oomishaalee al-ergii sharafa biyya alaa argamsiisuun dinagdee biyyaa bayyaannachiisaan oomishaalee akka Buna, Shaayee, Mi’eessituu, Boloqqee, Saalixa, Kuduraa fi Muduraa, Jimaa fi Beeyladaa fi bu’aa beeyladaa akaakuu, baay’naa fi qulqul’ina barbaadamuun akka oomishanii fi gabaaf dhiyaataan taasisuun alatti, hojicha kan hawaasa maraa taasisuuf akka inisheetivitti qabatanii socho’uun milkaa’ina raawwii gama kanaan mul’ateef galtee guddaadha.
Kanarra darbees, walitti hidhamiinsa gabaa baadiyaafi magaalaa gidduu jiruuf sirnaa fi hoj-maata diriirsuun darbiinsa oomishaalee qonnaa karaa dantaa oomishtootaa, fayyadamtootaa, daldaltootaa fi al-ergitootaa hin miineen fi wal-dubbisuu danda’uun fayyadamummaa fi hirmaannaa lammiilee maraa mirkaneessuun hojjechuun, bu’aan gama kanaan argamaa jiru calaqqee milkii hojii kanaati jedhanii fudhachuuf kan nama mamsiisu miti.
Kan biroon, hojiin misooma gabaa sirnaa fi seeraan deggaramee faayidaa hawaasaa fi mootummaaf argamsiisuu malu hunda akka maddisiisuu danda’utti labsii fi dambiwwaan garagaraa qopheessuun haguuggii fi tika seeraa akka qabaatan taasisuuf biiroon ifaajjii guddaa taasisaa jira. Kanaanis, oomishaalee qonnaa akka feeteen akka bitamee hin gurguramnee taasisuu fi karaa baratameen raawwatamaa ture haala addunyaa fi biyyoolessaa karaa bu’uura godhateen fi oomishaalee maddisiisnu kanaan oomishtootni, fayyadamtoonnii fi mootummaan fayyadamaa ta’uu danda’uun akka raawwatamuuf hojjetamaa jira.