Piromooshinii fi Odeeffannoo gabaa


Biyyi takka guddatte kan jedhamtu wayita sirni gabaa fi daldalaa ishee ammayyaa’aa ta’ee fi seera, labsii, danbii fi qajeelfama ittiin bulu wayita qabaattu ta’uun isaa ni beekama.
Kanaafuu, mootummaan naannoo Oromiyaas, dhimma kana hubachuun sirna gabaa fi daldalaa naannichaa Ammayyessuuf giddu galoota gabaa sadarkaa adda addaan(sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa) ijaaruu fi qooda fudhattoota hirmaachisee ijaarsisuun fayyadamummaa hawaasa daldalaa mirkaneessuun galiin naannoo Oromiyaa fi biyyaa akka dabaluuf baajata olaanaa ramaduun xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Daayirektoreetiin Odeeffannoo Gabaa fi Piromooshinii sadarkaa naannootti garee lamaan (Garee Odeeffannoo Gabaa fi Piromooshinii fi Garee Tajaajila bilbila Tolaa) sadarkaa godinaa fi bulchiinsa magaalaatti immoo abbaa adeemsaa tokkoon caaseffamee hojiitti galee jira.
Daayirektoreetiin kun odeeffannoo gabaa oomishaalee qonnaa fi industirii sassaabuu, qindeessuu, xiinxaluu fi tamsaasuun fayyadamummaa hawaasaa bal’aa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjeta.
Wiirtulee sassaabbiifi tamsaasa odeeffannoo gabaa haaraa hundeessuun sirna sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa ammayyaa’aa ni diriirsa. Dandeettii itti fayyadama teknoloojii ogeessota sadarkaan jiranii qaama dhimmi ilaalu waliin qindaa’uun akka fooyya’u leenjii kennuun deggersaa fi hordoffii geggeessuun dandeettii raawwachiisummaa isaanii ni cimsa.